Afrikaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiimaata hammataafi qindaa’aa ta’e cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015(FBC)- Afrikaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf biyyoonni ardichaa hojiimaata hammataafi qindaa’aa ta’e cimsuu akka qaban Komishinarri Dhimmoota Siyaasaa, Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Baankoolee Adee’ooyeen yaadachiisan.

Ministiroonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Afrikaa haala nageenyaa yeroo ardichaarratti waajjira Gamtaa Afrikaatti mari’achaa jiru.

Afrikaatti ammas rakkooleefi yaaddoon nageenyaa jiraachuu Baankoolee Adee’ooyeen ibsaniiru.

Shororkeessummaa, finxaalessummaa, ribee lolaa, fincilliifi yakkoonni biro daangaa ce’an haala nageenyaa ardichaa hammeessuu dubbataniiru.

Biyyoonni miseensa gamtichaa tarsiimoowwan nageenya mirkaneessuuf baasan yeroo yeroon gamaaggamuufi kallattii waloo kaa’uu akka qaban yaadachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment