Afrikaatti lammiileen miiliyoonni 346 beela hamaaf saaxilamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Afrikaatti lammiileen miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 46 beela hamaaf saaxilamuu Waldaan Fannoo Diimaa Idil Addunyaa ibse.

Walitti bu’iinsi, jijjiiramni qabeenya qilleensaa fi qaala’iinsi midhaan nyaataa fi boba’aa uumamuu beela kanaaf sababoota ta’uu waldichi eereera.

Waggaa darbe namoonni miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 86 beelaaf saaxilamanii turuu yaadachiisuun bara kana Afrikaatti namoonni miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 46 beela hamaaf saaxilamuu fi baatiiwwan itti aananitti lakkoofsi namoota beelaaf saaxilamanii dabaluu akka danda’u raageera.

Biyyoonni akka Ityoophiyaa, Somaaliyaa, Mooriitaaniyaa fi Buurkinafaasoo biyyoota sadarkaa olaanaa galmeessisan ta’uu waldichi ifoomseera.

Hogganaan damee oppireeshinii waldichaa Doominiik Istiilhaart daa’imman Afrikaa hanqina nyaataarraan kan ka’e dhibeewwan garaagaraa fi du’aaf saaxilamaa jiraachuu ibsaniiru.

Daa’imman miiliyoonatti lakkaa’aman baraaruuf hawaasni idil addunyaa gara lammiilee miidhamaniitti fuulleffachuu akka qabu ibsuu isaanii Prees TVn gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment