Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota Vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 8 fi kuma dhibba 4 kuma 26 ol ta’uu Giddugalli To’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa ibseera.
Namoota dhibichaan qabaman keessaa kumni dhibbi 2 fi kumni 15 fi kumni 4 fi 15 lubbuun darbuu ibsameera.
Afrikaan Kibbaatti namoonni miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 16 fi 179 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u ardicharraa sadarkaa jalqabaarratti argamti.
Hanga ammaatti lammiileen Afrikaa Kibbaa kumni 88 fi kumni 5 fi 88 vaayrasii kanaan lubbuun isaanii darbuu eerameera.
Moorookootti namoonni kumni dhibbi 9 fi kumni 41 ol, Tuuniiziyaatti kumni dhibbi 7 fi kumni 10 fi 773 vaayrasichaan qabamuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaarra kan jiran ta’uu giddugalichi ibseera.
Gama biraatiin namoonni miiliyoona 7 fi kumni 8 fi kumni dhibbi 1 fi 688 vaayrasii kanarraa dandamachuu ibsameera.
Maddi:- CGTN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.