Afrikaatti jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuu fi dhiibbaa isaa dandamachuuf tarsiimoon qophaa’e

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Afrikaatti jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuu fi dhiibbaa isaa dandamachuuf waggoottan lamaan itti aanaan hojiitti kan hiikkamu tarsiimoon qophaa’uu gamtaa Afrikaatti qindeessan damichaa fi preezdaantiin Afrikaa Kibbaa siiriil Raamaafoozaan ibsan.

Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa cinaatti hoggantoonni biyyoota Afrikaa jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuu fi dhiibbaa isaa dandamachuuf ejjennoo isaanii ibsuu fi waltajjii idil addunyaatti sagalee tokkoon bakka bu’uuf koreen hundaa’e har’a walga’ii gaggeessera.

Waggoottan darban jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuu fi to’achuuf ejjennoo Afrikaa muul’isuuf hojjetamaa turuu Preezdaant Siiriil Raamaafoozaan eeraniiru.

Kunis ta’u Ardichatti hongee, Balaan Lolaa fi Roobni cimaan sababa jijjiirrama qabeenya qilleensaan qaqqabu miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dhimma jijjiirrama qabeenya qilleensaa xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu yaadachiisaniiru.

Waggoota lamaan itti aananiif hojiitti kan hiikkamu imaammanni jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuu fi dhiibbaa isaa dandamachuuf gargaaru qophaa’uu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment