Afrikaatti faayidaa dargaggootaa mirkaneessuun barbaachisaadha- Dooktar Mulaatuu Tashoomaa

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Afrikaatti walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa qindaa’aa uumuun faayidaa dargaggootaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaan ibsan.

Yaa’ii hoggantoota Dargaggoota Afrikaa gaggeeffamaa turerratti hoggantoonni duraanii muuxannoo Paan-Afriikaanizimii irratti qaban qoodaniiru.

Walitti hidhamiinsi diinagdee naannawwaa akka jiraatuuf sadarkaa idil-addunyaatti tattaaffiin taasifamu qaba jedhan Dooktar Mulaatu Tashoomaan.

Walitti bu’iinsa dhabamsiisuun walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa cimsuun carraalee damee misoomaa uumuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Dandeettii dargaggootaa fayyadamuun ga’ee hoggansummaa isaanii guddisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Duudhaalee aadaa Afrikaa gabbisuun hamilee keenyaa fi eenyummaa keenya eeguun barbaachisaadha jedhan Pireezidaantiin duraanii Gaanaa Diraamaanii Mahammaan.

Yaadonni maloota garaagaraan tatamsa’an eenyummaa keenya akka dhabnu taasiisaa jira jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Kana ittisuuf duudhaalee Afrikaa eegurratti dargaggoonni qooda isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment