Afrikaatti carraqqiin dhibee daranyoo sombaa /TB/ ittisuuf hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu ‘IGAD’ beeksise

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Afrikaatti carraqqiin dhibee daranyoo sombaa /TB/ ittisuuf hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu ‘IGAD’ beeksise.
Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa /IGAD/ godantoonni kaampii keessa qaxanarraa jiraatan dhibee daranyoo sombaa / TB/f akka hin saaxilamneef sagantaa waggaa sadii karoorsuun hojjachaa jira.
Sagantaa kanarratti godaantonni qaxaanatti kaampiiwwaan 51 keessa jiraataniifi kutaaleen hawaasa naannoo daangaa jiraatan dhaqqabsisuuf doolarri miiliyoona 7.5 ramadamuu IGAD beeksiseera.
Raawwii hojii baatiwwaan 15 miseensota IGAD fi bakka buutota dhaabbile biroo waliin guyyaa har’aa qorateera.
IGAD’tti Qindeessan sagantaa fayyaa Dooktar Tsaggayee Laggasaa sagantichi carraqqii dhibee daranyoo sombaa /TB/ ittisuuf hojjetamu gargaarera jedhan.
Ogeeyyiin fayyaa dhibee daranyoo sombaa/ TB/ ittisuurratti bobba’an hedduun beekumsaafi dandeettisaanii akka cimsataniif leenjiin kennamuufi himan.
Baqattoota hedduun naannoo daangaa jiraatan qorannoofi tajaajila wal’ansa dhibee daranyoo sombaa argachuu dubbataniiru.
dhaabbileen dhibee daranyoo sombaa qofa osoo hin taane sodaa addunyaa kan ta’ee vaayirasii koroonaa ittisuuf sagantaa keessatti karoorfamuu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment