Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Afrikaatti carraa hojii uumuu fi qabeenya diinagdeef, Ameerikaan tumsa ni taasisti jedhame.
Waltajjiin marii mata duree “Hoji uumtota Afrikaa walaba baasuu” jedhu galma walga’ii Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti gaggeeffameera..
Waltajjicharratti ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon, Ameerikaan carraa hojii uumuu fi qabeenya diinagdee Afrikaarratti kallattii hordofturratti haasaa taasisaniiru.
Ameerikaan carraa hojii uumuu fi fayyadamtummaa diinagdee mirkaneessuuf hojii hojjetamuuf tumsa ni taasisti jedhaniiru.
Ameerikaan carraa gabaa taarifa, kootarraa bilisa(AGOWA) ta’e eeyyamteen, biyyoonni hedduun fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis waggoottan dhiyootti Ityoophiyaan oomishti garas ergite dabaluu ibsan.
Bara Faranjootaa 2018 daldalli biyyoota lamaanii Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.8 kan raawwatame yammuu ta’u, Ityoophiyaan shaqaxa Doolaara biiliyoona 1.3 gara Ameerikaa ergiteetti.
Ameerikaan ammoo shaqaxa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 45 gara Ityoophiyaa ergiteetti.
Fayyadamtummaa diinagdee guddisuu, daldala jajjabeessuu, abbootii qabeenyatiif haala mijataa uumuu, invastimantii jajjabeessuuf Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 17 ol ramadameera.
Mootummaan Ameerikaa filannoo Ityoophiyaa deeggaruudhaf Doolaara miiliyoona 37 ol deeggarsaan laatera.