Afrikaatti Barnoota ‘STEM’ jajjabeessuuf manni barnootaa haaraan bane

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Dhaabbat Booyingii fi Tiinki Yaang waliin ta’uun Afrikaatti dargaggoota guddattoota barnootaa Saayinsii, Teeknooloojii, Mahaandisummaa fi Herregaan (STEM) dhaabbilee barnoota olaanootti akka hordofaniif mana barnootaa haaraa banuu beeksise.

Barnoonni Saayinsii, Teeknooloojii, Mahaandisummaa fi Herregaa Yuunivarsiitii Ayveeshinii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaatti kennamu torbanoota ja’aaf kan turu yoo ta’u, leenjichis barnootaa sa’aatiiwwan 300 ni kennama jedhameera.

Sagantichi barattoota 24 naannolee biyyattii garaagaraarraa baba’aniif kan qophaa’e yoo ta’u kana keessaa %50 dubartoota ta’uun ibsameera.

Dabalataan hubannoo Saayinsii, Teeknooloojii, Mahaandisummaa fi Herregaa cimaa akka qabaataniif barsiisonni meeshaalee barnbootaa barbaachisan guuttachuun leenjicha kennuuf qophii ta’uun eerameera.

Hoji Gaggeessan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu, dargaggoonni Ityoophiyaa barnootaa fi hojiilee isaanii fuulduraan damee ayveeshiniin milkaa’oo fi hoji uumtota akka ta’aniif mana barnootaa Saayinsii, Teeknooloojii, Mahaandisummaa fi Herregaa Dhaabbata Booyiingii fi Tiinki Yaangi waliin ta’uun eegalchiisuu ibsuu TOI gabaaseera.

Teeknooloojii waliin saffisa madaalawaan adeemuu fi fedhiiwwan fuulduraaf qophaa’uun barbaachisaa ta’uu kaasanii, walta’iinsii fi kaka’umsi kunis daraggoota jajjabeessuun fuulduratti fedhii indaastirii Ayveeshinii Ityoophiyaa guddachaa dhufee guutuuf kan tumsu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment