Afrikaanonni qabsoo Ityoophiyaatti akka makamaniif hayyoonni ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Hayyoonni Afrikaa qabsoo Ityoophiyaatti akka makamaniif hayyoonni Ityoophiyaa ga’ee isaanii ba’achuu akka qaban Preezdaantii Akkaadaamii Hooggansa Afrikaa Dooktar Mihirat Dabbabaa ibsan.

Hooggantoonnii fi hojjetoonni Akkaadaamichaa guyyaa har’aa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomuu fi bakkeewwan garaagaraatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa taasisuu ibsameera.

Qabsoon birmadummaa kabachiisuuf Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu fedhiiwwan idil addunyaa kan dabalatu ta’uu Dooktar Mihirat eeraniiru.

Waraanichi kan rasaasaa qofa osoo hin taane kan yaadaas waan ta’eef hayyoonni waraana kana qolachuuf ga’ee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.ኃ

Hayyoonni dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuunii fi hayyoota Afrikaa dadamaqsuun qaama waraan yaadaa akka ta’an gochuun dirqama lammummaa ba’achuu qabu jedhaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment