Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Afrikaanonni Artifiishaal Intalajansii guddinaa fi badhaadhina ardittiif oolchuuf akka walta’an Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Koonfiraansii Intalajansii Paan Afrikaa yeroo jalqabaaf Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jiru haasawaan bananiiru.
Haasawaa isaaniin, yeroo ammaa saayinsiin sochii guyyuuf bu’uuraa ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaanis tarsiimoo ce’umsa dijitaalaa hojiirra oolchuun warraaqsa hojiirraa oolchuu keessa jiraachuu dubbatan.
Keessumaa Inistiitiyuutii Artifishaal Intalajansii hundeessuun yeroo gabaabaa keessatti teeknooloojicha qonnaa, barnootaa fi dameewwan bulchiinsa mootummaa keessatti fayyadamuun bu’aa galmeessaa jiraachuu eeraniiru.
Gollii Hambaa Sayinsii har’a banames damechaan ga’umsa kalaqaa dargaggootaa akka cimsu himaniiru.
Koonfiraansiin Artifiishaal Intalajansii Paan Afrikaa guyyoota lamaaf tura.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.