Afrikaan qixa qaroomina addunyaaf gumaachiteen fayyadamtuu hintaane-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Afrikaan qixa qaroomina addunyaaf gumaachiteen fayyadamtuu akka hintaane Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Sirna Baniinsaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawaa taasisaniin, Gamtaan Afrikaa biyyootaa garee 20 keessatti teessoo dhaabbataa argachuun Afrikaan waltajjiiwwan idil addunyaarratti dhageettii akka argattuuf carraa kan uumuudha.
Kanas ta’e garuu gaaffiiwwan murasni ammallee deebii argachuu hindandeenye jiraachuu yaadachiisaniiru.
Madaala humna addunyaa keessatti Afrikaanonni gahee akkamii bahachuu akka qaban, damee diinagdee keessatti gahee murtessaa haalaa ittin bahachuu danda’anrratti deebii argachuuf seenaa jiru ilaaluun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Afrikaan ka’umsa qaroomina dhala namaati kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, bulchiinsi Afrikaa duraanii madda qaroominaa fi kalaqaa akka ture yaadachiisan.
Keessumaa maloota qonnaa, qorichaalee aadaa, ogummaa ijaarsaa fi manneeniin Ardiin Afrikaa gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Dhimmoota kanneenirratti Afrikaan qaroomina addunyaaf gumaachuu eeruun, Afrikaan gama saayinsii, teeknooloojii fi barnootaan gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.
Gumaachi Afrikaa kunis gita bittootaan gufachuu ibsanii, adeemsi tarsiimawaan gita bittootaa duudhaalee bu’uuraa ardichaarratti kan xiyyeeffate akka ture kaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment