Afrikaan Mana Maree Nageenyaa keessatti teessoo dhaabbii argachuu akka  qabdu Hoggantoonni Afrikaa gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Afrikaan, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti teessoo  dhaabbii qabaachuu akka qabdu Hoggantoonni Ardichaa gaafatan.

Afrikaan, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti mirga sagalee sagaleen haquu keessatti yoo xiqqaate teessoo dhaabbii 2 argachu akka qabdu Preezdaantoonni Seenegaalii fi Afrikaa Kibbaa hubachisan.
Hoggantoonni Ardiichaa hojiimaata loogummaa mana marichaarratti komii kaasuu eegalaniru.
Preezdaantiin Seenegaal Maakii Saalii fi kan Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaan, kaleessa marii waloo Seenegalaa Magaalaa Daakaritti erga mari’atanii booda ibsa waloon laataniin,manni mariichaa Afrikaaf bakka kennuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ardiin Afrikaa biyyoota 54 fi ummata biiliyoona 1.3 qabdu Mana Marichaa keessatti mirga teessoo dhaabbii mirga sagalee sagaleen haquu qabaachuu qabu jedhan.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa duula kanatti makamuun isaanii kan yaadatamuudha.
Maddi:-African News
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment