Afrikaan Maallaqa Daldalaa tokko fayyadamuuf mari’achuufi

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Biyyooni Afrikaa sirna maallaqa daldalaa tokko fayyadamuuf dandeessisurratti mari’achuuf ta’uun ibsame.

Mariin biyyoonni Ardittii gaggeessan kunis Gamtaa Maallaqaa Afrikaa saffisaan hojiirra oolachuuf kan dandeessisu ta’uu ragaan Gamtaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

Sirnichi hojiirra ooluun Baankii Giddugaleessaa Afrikaa, Baankii Invastimantii Afrikaa fi Fandii Maallaqaa Afrikaa hundeessuuf gargaraa jedhameera.

Gamtaa Maallaqaa hundaa’uun sharafni daldalaa biyyoota ardichaa akka tasgabbaa’u to’achuuf, daangeeffama sharafa alaa dhabamsiisuu fi diinagdee tokkoomsuuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Yaa’ichi borurraa eegalee Zaambiyaa Luusaakaatti kan eegaluu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment