Afrikaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dhaabuuf tattaaffii taasiftu addunyaan maallaqaan deeggaruu qabu-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)- Afrikaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dhaabuuf tattaaffii taasistu hawaasni Addunyaa maallaqaan akka deeggaran Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waamicha dhiyeessan.

Obbo Dammaqaa Mokonniin Fooramii Bizinasii 2023 Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamerratti ergaa dabarsaniin, foormichi dhimmoota faayidaa tarsiimawaa qaban qoodaa fudhattootaa addunyaan ga’uuf gumaacha akka qabu ibsaniiru.

Afrikaan jijjiirama qabeenya qilleensa dhaabuuf ardiilee biroo caalaa tattaffaachaa jiraachuu eeranii, tooftaalee gadi lakkifamaa gaazii faalaa hir’isuu bocuu akka qabduu fi humna haareffamaa dagaagsuurratti karoorfachuun socho’uu akka qaban himaniiru.

Gurgurtaan kaarbanii dhiibbaa jijjiiramaa qilleensaa ittisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Fooramicharratti Ityoophiyaan karoora waggoota 10 keessatti diinagdee magariisaa jijjiiramaa qilleensaan hinraafamne ijaaruuf hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Dammaqaan, yeroo ammaa hamma gadi lakkifama gaazii faalaa hir’isuuf Waliigaltee Paariisiin walsimsiisuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hanga bara 2050’tti Ityoophiyaa gadi lakkifama gaazii faalaarraa walabaa taasisuuf karoorri yeroo dheeraa qabamuu fi kanaanis Sagantaan Ashaaraa Magariisaa gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Mootummaanis seektarri dhuunfaa damee humna haareffamaa irratti akka hirmaatuuf kan jajjabeessu ta’uu eeraniiru.

Abbootii qabeenyaa hojii invastimantii damee humna haareffamaarratti bobba’uu fedhaniifis tajaajilaa fi onnachiistuu barbaachisaa akka tatasisan akeekaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment