Afrikaan Dhaabbiilee Idil Addunyaa keessatti bakka maluuf akka argattuuf Gamtaan Afrikaa hojjechuu qaba-Muusaa Faakii Maahimmat

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Afrikaan Dhaabbilee Idil Addunyaa keessatti bakka maluuf akka argattuuf
Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni miseensootaa cimsanii hojjechuu qabu jedhan Dura Taa’aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahimmat.
Muusaa Faakii Maahimmat Yaa’ii Dureewwaan Afrikaa 37ffaarratti haasawas taasisaniin, rakkoo nageenyaa Afrikaa keessatti mul’acha jiru kaasaniiru.
Afrikaa cimtuu, nagaa qabeettii fi badhaate akka taatuuf qaamoleen hundi waliin hojjechuu qabus jedhaniiru.
Fonqolchaa Mootummaa dabalaa dhufee fi Walitti bu’iinsa qaamolee hidhataniin qaqqabuun Ardittiin fuulduratti akka hintarkaanfanne daanquus himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment