Afrikaan dandeetti damee humna haaromsaa qabdu yoo itti fayyadamte fayyadamummaa humna lammiilee ishee mirkaneessu ni dandeessi-Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC)- Afrikaan dandeetti damee humna haaromsaa qabdu yoo itti fayyadamte fayyadamummaa humna lammiilee ishee mirkaneessu akka dandeessu  Ministirri Ministeera Bishaanii Jallisii fi Iinarjii  Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan himaniiru.

Ministirichi hundeeffama waggaa 85ffaa maandiisoota qaama bishaanii fi waldaa qorannoo irratti viidiyoo konfiraansiin hirmaataniiru.

Dooktar Injinaar Silashiin haasawa taasisanii, humni haaromsaa addunyaa  %90 hidha biishaanirra akka maddu ibsaniiru.

Afrikaan dandeetti damee humna haaromsaa qabdu yoo itti fayyadamte fayyadamummaa humna lammiilee ishee mirkaneessu ni dandeessi jedhaniiru.

Ityoophiyaan hidha haaromsaa guddichaa ijaaraa jirti kan jedhan Dooktar Injinaar Silashiin, hidhichi madda humna elektirikaa dabalatee carraa hojii uumuu, industiriiwwan babal’isuuf, hanqina dhiyeessii humnaan rakkoo dubartootarra qaqqabu hir’isu dabalatee sharafaa alaa fi biyyoota olla waliin diinagdee waloo uumuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment