Afrikaa rakkoo hanqina Nyaataa keessaa basuuf miseensonni Gamtichaa cimani hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Afrikaa rakkoo hanqina Nyaataa keessaa basuu fi Wabii nyaataa Uummata ardichaa mirkaneessuuf miseensonni Gamtichaa cimani hojjechuu qabu jedhame.

Komishinarri Komishinii Dhimma Fayyaa, deeggarsa namoomaa fi misooma hawaasaa Gamtaa Afrikaa Samate Seesumaa Minata dhimma Hojiirra oolmaa Ejensii Qorichaa Afrikaa, Dhaadannoo wal ga’ii Bara kanaafi Yaa’ii Deeggarsa namoomaa 2ffaa irratti ibsa laataniiru. Afrikaan Mandhee bishaaniifi soorataadha jedhamtuus uummatashee sooruu hin dandeenye kan jedhanii komishinarittin Rakkoon jijjiirama qilleensaa gufuu guddaa ta’uudha kan himan.

Gogiinsiifi Hanqinnii soorataa gaafa Afrikaatti mul’achaa jiruu ka’umsa jijjirama qilleensa ta’uus himaniiru komishinarritti.

Kun immoo rakkoon hanqina nyaataa akka uumamufi wabiin nyaataa uummata ardittiis akka hin mirkanoofte taasiseera.

Uummannii rakkoo wabii nyaataa qabummoo misioma ardichaa barbaadamuu milkeessuu waan hin dandeenyeef xiyyeeffannoo akka barbaadu komishinar Samate Seesumaa himaniiru. Kanarraa ka’uunis Yaa’ii gamtichaa 35ffaa Dhaadannoo Sirna Nyaatafi wabii nyaataatiin moggasuun akka barbaachise kan himan.

Rakkicha furuuf dhaabbilee deeggarsaa waliin karoora yeroo gabaabadhaan hojjetamaa jiraatuus oomishaafi oomishtummaa dabaluun karaa warawaan rakkicha furuuf akka karooraatti qabamee hojjetamaa jira.

Kana milkeessuuf imaammataafi tarsiimoo cimaa baasuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasanii biyyoonni miseensa Gamtaa Afrikaa kanaaf cimanii akka hojjetani waamicha dhiyeessaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment