Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Murtoo Preezdaantii duraanii Biyyattii Jaakoob Zuumaarratti darbe hordofee walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota 72 darbuu ibsameera.
Walitti bu’iinsa kana hordofee lubbuun lammiilee darbaa jiraachuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’aa ibsameera.
Mootummaan biyyattii jeequmsa kana dhaabsiisuuf namoota hedduu to’annoo jala oolchuu himameera.
Lubbuu Lammiilee darbaa jiruu fi qabeenya barbadaa’a jiru Komishiniin Gamtaa Afrikaa balaaleeffateera.
Dura Taa’aan Komishinichaa Muusaa Faaqii Mahaammaat ibsa laataniin, biyyattiitti olaantummaan seeraa akka kabajamuu fi nageenyi akka bu’u waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.