Afrikaa Kibbaatti seerri maatiin yoo daa’imman barnootaatti hinergine adabsiisu ragga’e

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC)- Paarlaamaan Afrikaa Kibbaa seera barnootaa cimaadha jedhame kan yoo maatiin daa’imman isaanii mana barnootaatti hinergine hidhaan adabsiisuu raggaasiseera.

Seera Bu’uuraa Barnootaa Fooyya’e “Bela Bill” jedhamuun ragga’e kanaan yoo daa’imman mana barnootaarraa hafan, yookaan wayita umriin isaanii barnootaaf ga’u mana barnootaatti hingalmoofne hanga hidhaa baatii 12’tti kan adabsiisu ta’uun ibsameera.

Akkasumaas manneen barnootaa daa’immaan akka hinadabne seerichaan tumameera.

Seerri Paarlaamaa Afrikaa Kibbaan ragga’e kun erga kufaatii sirna Appaartaayidii bara 1994 as seeraa isaa cimaadha jedhameera.

Paartiin biyyaa bulchaa jiruu “African National Congress (ANC)”n seerichi sirna barnootaa biyyatti kan ceessisu; rakkoolee duraan turanii fi ammaa kan furuudha yoo jedhu, faallaa isaan paartiin morkataan biyyattii “Democratic Alliance (DA)” to’annoo manneen barnootaa cimsuun kufaatii sirna barnootaa biyyatti hordofsiisaa jechuun seericha balaaleffateera.

Akka qorannoon mul’isutti Afrikaa Kibbaattii daa’imman 10 keessaa 8 umrii 10ffaa isaaniitti dubbisuuf akka rakkatan kan akeeku ta’uu BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment