Afrikaa kibbaatti lakkoofsii namoota covid-19n qabamanii miiliyoona 1 caale

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC)- Afrikaa kibbaatti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 1 caalu ibsameera.
Biyyattittti erga vaayrasichi muul’atee booda lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii miiliyoona 1 ol ta’u Ministeerri Fayyaa biyyatti ibseera.
Hanga ammattis namoonni kumni 26 fi 700 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.
Akaakuu vaayrasii koroonaa haaraan wal qabsiisee biyyoonni hedduun balallii gara Afrikaa kibbaatti taasifamuu kan haqaan yoo ta’uu, lammiilee biyyattifiis gara biyyichaa galuun dhorkameera.
Akka addunyaattiis lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 81 darbeera.
Namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 72 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Lakkoofsii namoota vaayrasicharra dandamatanii ammoo miiliyoona 57 caaluu ibsameera.
Maddi:-Aljaziiraa fi Worldometer
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment