Afrikaa Kibbaa 0 -3 Ityoophiyaa

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Taphni gulaallii Waancaa Addunyaa garee kubbaa Miilaa dubartootaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa umrii waggaa 17 gadii fi gita isaa Afrikaa Kibbaa waliin taphatame olaantummaa Ityoophiyaan xumurame.

Taphni gulaallii marsaa 3ffaa garee biyyaalessaa biyyoota lameenii gidduutti har’a sa’aatii 10:00 irraa eegalee Afrikaa Kibbaa Istaadiyeemii Wiitisitti gaggeeffamee olaantummaa Ityoophiyaan xumameera.

Gareen kubbaa Miilaa dubartootaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa umrii 17 gadii gitaa Afrikaa Kibbaa goolii 3 fi 0n injifachuun imala gara Waancaa Addunyaatti taasiifamuu milkiin eegaleera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment