Afrikaa “Guuboo Daabboo Addunyaa” taasisuuf Doolaarri biiliyoonni 10 ramadame

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)- Giruuppiin Baankii Misoomaa Afrikaa waggoottan 10’n dhufan Ardii Afrikaa “Guuboo Daabboo Addunyaa” taasisuuf Doolaara biiliyoona 10 ramade.

Baankichi beelli akka hinmudannee fi Ardittiin wabii nyaataan akka of dandeessuu fi addunyaaf akka geessuuf galmaa qabattee hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Giruuppiin Baankii Misooma Afrikaa karooricha kan ifoomse yaa’ii Wabii Nyaataa Afrikaa 2 Daakaar irratti ta’uun ibsameera.

Pireezidaantiin Baankichaa Akuwiimii Adeesiinaa, yaa’icharratti, dureewwan biyyoota 34, ministiroota 70, dameewwan dhuunfaa, qonnaan bultoota, dhaabbilee tumsitoota misoomaa fi hoji gaggeessitoota dhaabbilee hirmaataaniif, Afrikaan hojiilee qonnaa fi wabii nyaataarratti hojjechuun jijjiirama akka fidduuf gahee gama isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Qindoominaan hojiilee misooma qonnaarratti akka hojjetaanii fi ce’umsa qonnaa akka dhugoomsan ibsaniiru.

Afrikaan ofirra dabartee Addunyaa sooruu akka dandeessuuf ga’umsaa “Guuboo Daabboo” ta’uu akka dandeessu sagantichaarratti haasawaa taasisaniin himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment