Afrikaa fi Raashiyaan tumsa aadaa qaban deebisanii ijaaruun michummaa isaanii cimsuu qabu – Dooktar Abiy

Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Afrikaa fi Raashiyaan tumsa aadaa qaban deebisanii ijaaruun michummaa isaanii cimsuu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Dubbatan.

Dooktar Abiy yaa’ii paartilee idil addnutaa mata duree ‘tumsa aadaa Afrikaa – Raashiyaa deebisanii ijaaruu’ jedhurratti intarneetiin hirmaataniiru.

Yaa’icharratti haasawaa taasiisaniin Afrikaa fi Raashiyaan tumsa aadaa qaban deebisanii ijaaruun michummaa isaanii cimsuu akka qabu jedhan.

Tokkumaa adeemsa yeroon qoramaa jiru obsaan darbuun rakkoolee gaaffii bu’uuraa lammiilee deebsiisuuf gufuu ta’an dura dhaabbachuu qabna jedhan.

Yaa’ichi paartilee biyya bulchan dabalatee morkattoonni siyaasaa nageenya ardiilee tasgabbeessuu keessaatti shoora qaban ifatti kan muul’isu ta’uu kaasaniiru.

Paartileen Siyaasaa bulchiinsaa fi falaasamaa barnootaa mootummaa eeguun itti gaafatamumman sochu’uu akka qaban yaadachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment