Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Sagaleen Afrikaa fi Laatiin Ameerikaa akka dhaga’amuuf dhaabbilee Idil Addunyaatti bakka bu’umsa fooyya’aa qabachuu akka qaban Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dubbatan.
Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu Fooramii Idil Addunyaa paartilee siyaasaa biyyoota BRICS Waxabajjii 9-12, 2016tti, mata dureen “World Majority for multipolar Order” jedhuun Raashiyaa Vilaadivoostook gaggeeffamurratti hirmaachaa jira.
Fooramicharratti haasawaa taasisaniin sagaleen Afriikaa fi Laatiin Ameerikaa akka dhaga’amuuf dhaabbilee idil addunyaa keessatti bakka bu’umsaa qabaachuu akka qaban akeekan.
Haaluma kanaan BRICS sirnaa addunyaa haaraa ijaaruu akka barbaachisu ibsan.
Paartiin Badhaadhinaas dhiibbaa BRICS waltajjii idil addunyaarratti qabu kan hubatu ta’uu kan kaasan Obbo Adam Faaraah, kanas hojiilee BRICS hojjechaa jiru kan hordofu ta’uu ibsaniiru.
Wltajjichi hariiroo diinagdee guddisuuf kan gumaachu ta’uus kaasanii, hariiroon faayinaansii fi diinagdee akka uumamu waamicha dhiyeessaniiru.
Kanaaf dhaabbilee faayinaansii idil addunyaa jijjiiruuf qophii jiruuf xiyyeeffannaan kennamuub barbaachisaadha jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.