Afrikaa cimtuu ijaaruu jechuun furmaatilee Afrikaa biyya keessaa qopheessuudha – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) – Afrikaa cimtuu ijaaruu jechuun taateewwan tasaa dandamachuu qofa osoo hin taane xiyyeeffannoon karoorsuu fi furmaatilee Afrikaa biyya keessaa qopheessuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Fooramii Xaanaa 10ffaarratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasiisan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, fooramichi dhimmoota sodaa nageenyaa fi tasgabbii Afrikaarratti mari’achuun bu’aa olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Afrikaa cimtuu ijaaruu jechuun taateewwan tasaa dandamachuu qofa osoo hin taane xiyyeeffannoon karoorsuu fi furmaatilee Afrikaa biyya keessaa qopheessuudha jedhan.

Afrikaan jijjiirrama qabeenya qilleensaaf gumaachi isheen taasiiftu xiqqaa ta’uus dhiibbaa jijjiirrama qabeenya qilleensaaf garuu saaxilamtuu ta’uu ishee eeraniiru.

Biyyoota Afrikaa sadi keessaa tokko rakkichaaf saaxilamoo ta’uu isaanii kaasaniiru.

Ityoophiyaan hojiilee misooma Anniisaa qilleensaa fi Aduurraatti hojjetu cimsitee kan itti fuftu t’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment