Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC) –Afrikaa Bahaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf Qabeenya Qurxummii faayidaarra oolchuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa ibse.
Haala qabeenyaa qurxummii Afrikaa Bahaa fi naannawaa Garba Hindii misoomsuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.
Waltajjirratti Afrikaa Bahaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf Qabeenya Qurxummii faayidaarra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsameera.
Naannawichatti Qabeenyi Qurxummii Yuuroo biiliyoona 50tti tilmaamamu jiraachuu ibsameera.
Qabeenyicha teeknooloojiin misoomsuun tajaajila biyya keessaa fi alaaf oolchuun sharafa alaa argamsiisuun fayyadamummaa diinaagdee mirkaneessuun murteessaa ta’uu himameera.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.