Afrikaa Bahaatti godantoonni miiliyoonatti lakkaawwaman beelaafi nyaata hin madaalamneef saaxilamu ni danda’u -DhMG

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Afrikaa Bahaatti godantoonni miiliyoonatti lakkaawwaman beelaafi nyaata hin madaalamneef saaxilamu akka danda’an Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
 
Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa akka ibsetti, godaantoonni miiliyoonaan lakkaawwaman deeggarsa midhaan nyaataa argachuuf dhaabbaticharratti hirkatoo ta’an beelaa hamaafi hanqina nyaata madaalamaf ni saxilaamu jedheera.
 
Dhiibbaan vaayrasiin koroonaa diinagdeefi hawaasummaarraan gahe deeggarsa maallaqaa qaamolee arjoomtootarraa argachuu dhabuun sababa akka ta’es beeksiseera.
 
Kanaafuu dhaabbatichi godaantoota kaampii godaansaa Itoophiyaa, Sudaan, Ugandaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaafi Jibutii keessatti argaman miiliyoona 2.7 olirraa deeggarsa maallaqaafi nyaataa %30 hir’isuu beeksiseera.
 
Kana bira darbees godaantonni kaampii godaansaa keessatti argaman kunneen dawoo gahaa dhabuun, hanqina sirna tajaajila fayyaafi bishaan qulqulluun dhabuun tatamsa’ina vaayirasii koroonaaf saaxilamoodha jedhameera.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment