Afrika Kibbaatti mana bashannanaatti haleellaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefaman

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Afrika Kibbaatti mana bashannanaa tokkotti haleellaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuun gabaafame.

Haleellichi kaleessa galgala kan raawwate yoo ta’u, namoonni hedduun madaa’uun eerameera.

Haleellicha kanneen raawwatan konkolaataan miliquun gabaafameera.

Halleellaa Sooweettootti raawwateen namoonni miidhaaman umriin isaanii waggaa 19-35 gidduu akka ta’e poolisiin beeksiseera.

Haaluma walfakkaatuun, Kiwaazuuluutti halleellaa biroo raawwatameen namoonni ajjeefamuu poolisiin kan eere yoo ta’u, taatechaan walqabatee qorannoo gaggeessaa jiraachuu RT fi BBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment