Afgaanistaan Taalibaan waliin marii nagaa seenaa qabeessa eegaluufi

Finfinnee, Fulbaana 2, 2013 (FBC) – Mariin nagaa yeroo jalqabaaf mootummaa Afgaanistaanii fi garee Taalibaan jidduutti taasifamu eegaluuf jedhame.
 
Marii kanarratti argamuuf gara Dohaa kan imalan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayk Poompiyoon marichi marii ‘seena-qabeessa’ jedhaniiru.
 
Mariin kun waliigaltee nageenyaa Ameerikaan Guraandhala darbe Taalibaan waliin taasifte hordofuun kan gaggeeffamudha.
 
Marichi yoo milkaa’e waraana waggoota 40 ol lakkoofsisetti xumura gochuu danda’a jedhamee abdatama.
 
Jilli mootummaa Afgaanistaan guyyaa kaleessa gara Dohaa imaleera.
 
Guyyaan kaleessaa waggaa 19ffaa haleellaa bara Faranjoota Fulbaana 11,2001 Ameerikaarratti raawwatame ture.
 
Dursaan Jila Taalibaan Abdullaahi Abdullah, “waliigaltee sirrii nagaa buusu” barbaadna jedhan.
 
Mariin kun kallattiin qaamolee lamaan jidduutti yoo mari’atamu isa jalqabaati.
 
Hidhattoonni Taalibaan ammaan dura mootummaan Afgaanistaan aangoo hin qabu, ergamtoota Ameerikaati jechuun marii didaa turan.
 
Mariin kun Bitootessa darbe keessa eegaluuf karoorfatamee ture.
 
Haa ta’utii hidhamtoota wal jijjiiruurratti wal diddaa tureen harkifateera.
 
Gara marii kanaatti galuuf waggaa 1 ol kan fudhate yoo ta’u, waliigalteerra ga’uuf waan salphaa hin fakkaatu.
 
 
Waggaa 19 dura wayita haleellaa 9/11 Ameerikaa irratti raawwate Taalibaan Afgaanistaan bulchaa ture.
 
Sababa haleellaa sanaan Ameerikaan waraana ishee garas erguun tumsa idil addunyaatiin Taalibaan aangoorraa buufte.
 
Gareen aangoorraa bu’e Finciltoota ta’uun loltoota Ameerikaa fi mootummaa Afgaanistaan ergasii hundaa’e irratti haleellaa raawwachuu itti fufan.
 
Waraana kanarratti Ameerikaan loltoota 2,400 ol yoo dhabdu, Yuunaayiitiid Kiingidam loltoota 450 ol itti dhabdeerti.
Lammileen nagaa kumni 43 waraana kana keessatti ajjeefamaniiru.
 
Loltoonni mootummaa Afgaanistaan kumni 64, loltoonni Taalibaan kumni 42 ajjeefamaniiru.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment