Afaaritti namoonni balaa lolaatif saaxilaman, vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Naannoo Afaaritti namoonni balaa lolaatif saaxilaman, weerara vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qindeessaa Ittisa Balaa fi Deeggarsaa naannichaa beeksiseera.
 
Naannichatti balaa lolaa tibbana uumameen aanaalee 18 keessatti namoonni kumni 67 ol rakkoof saaxilamaniiru.
 
Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Mahaammad Huseen Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti lammiilee kanneen baraaruuf naannolee fi mootummaan federaalaa tumsa taasisaa jiru.
 
Hojiin balicharraa lammiilee baraaruus, bifa ittisa weerara vaayrasii koroonaa ilaalcha keessa galcheen hojjetamaa jira jedhan.
 
Hanga ammaatti aanaalee 12tti hojjettoonni fayyaa fi hojjettoonni ekisteenshinii fayyaa buufataaleerra deemuun akka hojjetan taasifameera.
 
Hoospitaalota 12ttis keessummeessuuf qophiin taasifameera.
 
Balaay Tasfaayetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment