Afaar naannawaalee sababa waraanaan midhamanitti pirojektoonni Birrii miiliyoona 200’n hojiirra ooluuf

Finfinnee, Mudde 4, 2015 (FBC)- Naannoo Afaaritti naannawaalee sababa waraanaan midhamanitti piroojektoonni Birrii miiliyoona 200 hojiirra ooluuf ta’uun ibsame.

Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa, naannichatti bakkeewwaan sababa waraanaan midhamaan deebisanii ijaaruuf pirojektoonni misooma ijaaramanirratti “World Vision Ethiopian” waliin mari’ataniiru.

Haaluma kanaan naannichatti pirojektoonni misooma baasii Birrii miiliyoona 200’n kan hojiirra oolan ta’uun eeramuu ragaan miidiyaa naannichaa gabaaseera.

Milkaa’ina pirojektichaaf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisa akka taasisu Obbo Awwal Arbaan mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment