Afaar magaalaa Loogiyaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Naannoo Afaar magaalaa Loogiyaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen Konkolaachisaa dabalatee lubbuun namoota 5 darbe.

Konkolaataan deddeebisa ummataa Magaalaa Loogiyaa namoota 15 fe’ee gara Afdheeraa imala ture iddoo addaa ‘Guyyaahi’ jedhamutti garagaruun lubbuu namoota 5 galaafachuu ibsameera.

Balichaan namoota 10 irra miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment