Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faraah Ambaasaaddar Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC) – Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faraah Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Turkii Yaapaaraak Allapa waliin mari’atan.
Obbo Adam Faraah duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee ibsa laataniiru.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan sababa weerara vaayrasii koroonaan yaada murtoo yaa’ii hiikkaa heeraa bu’ura taasiisuun dheerachuu ibsaniiru.
Gareen ABUT murtoo Mana Maree Federeeshinii darbeen filannoo seeraan alaa gaggeessuu himaniiru.
Gareen finxaaleyyii ABUT haleellaa gara jabinaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabaarratti raawwachuu hordofee mootummaan dirqamaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf gara tarkaanfiitti galuu Obbo Adam Faraahin ibsa taasiisaniiru.
Yeroo ammaa duulli olaantummaa seeraa xumuramuun lammiilee qa’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuu fi naannichaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataan hariiroo biyyoota lamaanii caalmaati cimsuuf mootummaa fi Ummata Turkii waliin hojjechuuf fedhiin jiraachuu eeruun, mootummaan Turkii deeggarsa ummataa fi mootummaa Ityoophiyaaf taasiisaa jiruuf galateeffataniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Turkii Yaapaaraak Allapa gama isaaniin jijjiirramni Ityoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru jajjabeessaa ta’uu himuun, milkaa’ina caaluuf mootummaa Turkii deeggarsa misoomaa fi tumsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu dubbataniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Federeshinirraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment