Af yaa’iin mana maree Ameerikaa waraqaa haasaa Traamp cicciran

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC)- Af yaa’iin mana maree Ameerikaa waraqaa haasaa preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp qabu ciran.

Preezdaant Traamp ‘Ameerikaan iddoosheetti deebi’uu qabdi’ haasaa jedhu taasisaniiru.

Preezdaantichi himannaan irratti banamee ture akka irraa ka’uuf abdii horataa dhufaniiru.

Haasaa waggaatti al tokkotti preezdaantonni Ameerikaa Koongirasii fulduratti dhiyaachuun taasisaniin ‘State of the Union address’ Traamp ‘Ameerikaan iddoosheetti deebi’uu qabdi’ jedhaniiru.

Traamp haasaa isaanii eda galgalaa bakka miseensonni Demokraatotaa itti heddummaatanitti taasisaniin, seera baastota Ameerikaa aangorraa isaan buusuuf carraaqan qeeqaniiru.

Muddee keessa Traamp irratti himannaan taayitaarraa ka’uu akka irratti banamu kan hojjechaa ture mana marichaa yammuu ta’u, seeneetiin Riippablikaanonni itti heddummaatan garuu himatichi akka irraa ka’u gaafataa turaniiru.

Traamp haasaa taasisaa wayita jiranitti miira nuffii keessa kan galan af yaa’iin mana Maree bakka bu’ootaa Naansii Peloosiin waraqaa barreeffama haasaa isaanii ofirraa qabu ciraa turaniiu.

Eda Traamp haasaarra wayita turanitti seera baastonni miseensa Riippablikaanotaa ‘Traampif waggaan dabalataa afur isaanif mala” sagalee jedhu dhageessisaa turaniiru.

Preezdaant Traamp wayita galma seenan afa yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Ameerikaa fi miseensa Demokraatotaa Naansii Peloosii harka fuudhuu didaniiru.

Preezdaantichi haasaa isaanitiin kaffaltoonni gibiraa Ameerikaa tajaajila fayyaa bilisaaf akka gumaachan dirqamsiifamaa turan, kunimmoo karoora Demokraatotaati jedhan, Naansii Peelosiin aarii keessa galan.

Traamp haasaa isaanii ega xumuraniin booda af yaa’ittiin waraqaa barreeffamaa preezidaantichi irraa taasisan cicciruu eegalan.

Gaazexeessitootaf ibsa laataniinis sirriin hojjedhe, nan tolche jedhaniiru.

Maddi; BBC

Comments (0)
Add Comment