Af yaa’ii Taaggasaa Caafoon miseensota paarlaamaa fi koongirasii Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee,Amajjii 29,2012 (FBC) – Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI obbo Taaggasaa Caafoon miseensota paarlaamaa fi koongirasii Ameerikaa waliin mari’atan.

Af yaa’ichi seenaatar Jams Iinhoofii fi miseensa koongirasii Stiivan Hoorisfoord waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsuum Araggaan akka beeksisanitti, af yaa’ichi hoji raawwachiisaa olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Biislii waliin dhimmoota addaddaarratti mari’ataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment