Af yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faaraah, obbo Dammaqaa Makoonnan dabalatee qondaaltonni ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Adooleessa 16, 2012 (FBC)- Af yaa’ii Mana Maree Federeeshinii FDRI obbo Adam Faaraah dabalatee qondaaltonni mootummaa biroon Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin baga gammaddan jedhan.
 
Obbo Adam Faaraah hidhichi wabii jireenya sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa ta’uu beeksisaniiru.
 
Qabeenya keenyarratti mirga misoomuu qabnuun, ijaarsasaa asiin geenyee marsaa jalqabaatin bishaanin guunnerra; ifaajjee keenyan asiin geenyerra; ni xumurannas jedhan.
 
Kanaanis mootummaan kabajaa fi faayidaa biyyoolessaa sabootaa fi sablammoota ummattootaa mariif kan hin dhiyeessine ta’uu kan ittiin muul’isedha jedhan.
Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa ibsa baasen ijaarsichi bu’aa ifaajjii ummataa ta’uu eerera.
 
Hidhichi sadarkaa kanarra ga’ee bishaanin guutamuun, imalli milkii itti fufaa jiraachuu ibseera.
 
Kanaanis ummata dabalatee qooda fudhattoota hundaan baga gammaddan jedheera.
 
Itti aanaa muumme ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRI Dooktar Hiiruut Kaasaaw Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin baga gammaddan jedhaniiru.
 
Amma xumurasaa arginuttis cichoomni deeggarsaa itti yaa fufuun waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment