Af-yaa’ii fi hoggantooni mana maree bakka bu’oota ummaataa qophii filannoo boordiin filannoo biyyaalessaa taasisaa jiru daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC)- Af-yaa’ii fi hoggantooni mana maree bakka bu’oota ummaataa qophii filannoo boordiin filannoo biyyaalessaa taasisaa jiru daawwatan.

Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummaataa obbo Taaggasaa Caafoo dabalatee hoggantooni mana marichaa qophii filannoo boordiin filannoo biyyaalessaa taasisaa jiru daawwataniiru.

Manni maree bakka bu’oota ummataa filannoo biyyaalessaa 6ffaa dandiiwwan weerara vaayrasii koroonaa ittisuu raawwachuun akka gaaggeeffamuuf yaada murtoo ministeera fayyaarra dhiyaateen murtaa’uun isaa ni yaadatama.

Bu’uuruma kanaan boordiin filannoo biyyaalessaa tarkaanfiiwwan ittisaa barbaachisoo fudhachun bara 2013tti filannoon biyyaalessaa 6ffaa akka gaggeeffamu murteesse ture.

Bu’uuruma murtichaan Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummaataa obbo Taaggasaa Caafoo dabalatee hoggantooni mana marichaa qophiiwwan taasifamaa jiru daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment