Adwaan Tokkummaa Biyya Ijaaruuf Furtuudha-Hayyoota

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Adwaan Injifannoo Qofa Osoo Hin Taane Tokkummaan Biyya Ijaaruuf Furtuu olaanaa jedhan Hayyoonni.

Yuunivarsiitii Haramaayaatti mata duree ” Adwaa Nageenya Waaraa fi Ijaarsa Biyyaaf” jedhuun waltajjiin marii gaggeeffameera.

Waltajjichis qopheessummaa Yuunivarsiitii Haramaayaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, hayyoonni, abbootiin amantaalee fi abbootiin gadaa akkasuma qaamoleen hawaasaa hirmaataniiru.

Adwaan Itiyoophiyaa qofa osoo hintaane faajjii birmadummaa Gurraachota Afrikaa ta’uu Yuunivarsiitii Haramaayaatti Barsiisaafi Qorataan seenaa Dooktar Mahaammad Hasan eeraniiru.

Adwaan injifannoo qofa osoo hintaane tokkummaa biyyaa ijaaruuf furtuu olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Adwaa injifannoo hunda keenyaa ta’uu hubannee seenessa waloon biyya ijaaruu qabnas jedhan Dooktar Mahaammad.

Pireezidaantii Ittaanaa Dhimma Barnootaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Pirofeesar Mangistuu Urgeen gama isaaniin, seenessa dogoggoraa dhiifnee seenaa dhugaa tokko nu taasisu irratti hojjachuun biyya ijaaruu qabna jedhaniiru.

Dhaabbileen Barnoota Olaanoo seenessa waloo dhaloota dhaalchisuun ijaarsa biyya keessatti gahee isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Waltajjicharratti qorannoowwan garaagaraa injifannoo Adwaa fi ijaarsa biyyaan walqabatan dhiyaachuun mariin bal’aan gaggeeffameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment