Adwaan dirree injifannoo ta’uu bira darbee tokkummaan waliin dhaabbachuun icciitii injifannoo ta’uu kan mul’isedha – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obbo Shimallis Adwaan dirree injifannoo ta’uu bira darbee tokkummaan waliin dhaabbachuun icciitii injifannoo ta’uu kan mul’isedha jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armana gadiin dhiyaateera.

Afrikaanonni gita bittaa warra Awurooppaa Afrikaa addaan qoqqooddachuun qabeenya ishee saamuufi eenyummaa ofii irratti fe’uuf of tuulummaa guddaan dhufe calisanii tole jedhanii hin simanne. Koloneeffattoota meeshaa ammayyaa hanga funyaaniitti hidhatanii dhufan of irraa deebisuu baatanis dirree waraanaa hedduutti gootummaan falmachuun aarsaa qaqqaalii kaffalaniiru.
Addi waraanaa Adwaa garuu miira injifatamuu Afrikaanotaa jijjiiruun injifannoon kutannoofi tokkummaa qofaan galmaa’uu akka danda’u ifoomse.

Aduwaan Gurraachi adii injifachuu akka danda’u kan agarsiise yoo ta’u Afrikaanotaaf mallattoo birmadummaafi bilisummaa ta’uun tajaajilee koloneeffattoota ammoo qaaniifi salphina ta’uun mataa gadi qabachiise.

Icciitiin injifannoo kun Itoophiyaanonni birmadummaa isaaniitiif tokkummaafi gamtaan walbira dhaabbachuu isaaniiti. Adwaan ummattoonni Itoophiyaa sirnoota isa bulchaa turan waliin rakkoo qabaatanillee dhimma birmadummaa biyya isaanii irratti garaagarummaa akka hin qabne ifatti kan agarsiise iccitii dhokataafi duudhaa biyyattiin waloon qabdu isa guddaa faajjii bilisummaa; mallattoo tokkummaafi gootummaa ta’uun waggaa waggaan yaadatama.

Gootonni Oromoos sabootaafi sablammootaa Itoophiyaa biroo waliin ta’uun gaara Aduwaa irratti dhiigaa isaanii dhangalaasanii, lafee isaaniis itti caccabsuun aarsaa lubbuu kaffaluun diina qaanessanii deebisuun seenaa gootummaa yoomiyyuu hin dagatamne galmeessaniiru. Kunis gumaachi adda durummaa ummanni Oromoo ijaarsa biyyaa keessatti qabu har’a kan eegale osoo hin taane, bara tarkaanfatee kan as ga’e ta’uu akeeka.

Gootonni Oromoo tarsimoo waraanaa baasanii gootummaa ajaa’ibsiisaan loluun biyya isaaniitti kabajaafi ulfina horaniiru; Jeneraalota Oromoo lola Aduwaa hoogganan keessaa kan akka Baalchaa Saafoo, Qusee Dinagdee /Fiitawuraarii Habtegoorgis Diinagdee/, Gabayyoo Gurmuu, Raas Walee Marsoo, Raas Alii Mohaammad, Raas Mokonnin Guddisaafi kanneen biroon diina Meeshaa ammayyaa hidhate mormatti qabuun taa’umsaafi ijaajjii dhorkanii waaroo salphinaa itti haguugan. Injifannoon Aduwaa injifannoo seenaan yoomiyyuu hin daganneefi gumaacha olaanaa Oromoon ijaarsa biyyaa keessatti qabu kan mul’isedha.

Gootonni Oromoo diina biyya isaaniitti dhufe dura dhaabbachuun gootummaan lolanii lolchiisan jaalalli biyyaa maal akka ta’e addunyaatti agarsiisan.

Gootummaafi jaalalli biyyaa Aduwaa irratti mul’ate dhalootaa irraa dhalootatti darbuun Itoophiyaan aggaammii yeroo garaa garaa birmadummaa ishee irratti dhufe qolachuun kabaja ishee eeggattee akka turtu taasisee jira.

Injifannoon aarsaa gootota kaleessaan argame gootota dhufanii darbaniif galaa ta’uun Itoophiyaan mataa ishee akka gadi hin qabanneefi fakkeenya bilisummaa akka taatu dandeessiseera.
Ta’us, warri maqaa dhahamuu gootota Oromoo jibban, Itoophiyaa ijaaruun birmadummaa ishee tiksuu keessatti gahee Oromoon dalage golgaa duuba dhoksuuf warri hojjetan, seenaa sabichaa gurraachessuuf warri ifaajan injifannoo saamuun seenaa dabaafi haqa irraa fagaate katabaa turanis dhugaan injifataa waan taheef soba irra aaneera. Gootummaan Oromoos ifee seenaa dabe sirreessee dhugaa jiru mul’ise.

Qormaatonni Itoophiyaa muudatan injifannoo yeroo tokkoo qofaan kan darbamu hin turre. Qormaatota mudataa turan keessa darbuun, kaanis gara carraatti jijjiiruun biyyi dhiigaafi lafee abbootii keenyaan tikfamtee as geesse, caalaatti cimtee akka dhaabattuuf tokkummaafi gamtoominni murteessaadha. Gamtoominniifi sabdaneessummaan keenya irreefi madda injifannoo keenyaa ta’uu hubannee tokkummaan dhaabbachuun filannoo keenya isa dhumaati.

Uummanni Oromoo dhugaa kana hubachuun har’as aggaammii diinota keenyaan birmadummaa biyyaa irratti aggaamamu gootummaa abbootii isaa irraa dhaaleen Itoophiyaa tuquun dura irra deddeebi’anii akka yaadaniif diinota keenyaaf ergaa cimaa dabarseefii jira.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment