Adwaa gatii dhabsiisuun lafee fi dhiiga abbootii gatii dhabsiisudha-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 3, 2016 (FBC)- Yaadannoo Injifannoo Adwaa gatii dhabsiisuun dhiigaa fi lafee abbootii gatii dhabsiisuu akka ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hubachiisan.

Dooktar Abiy Ahimad Sirnaa Eebbaa Yaadannoo Injifannoo Adwaarratti haasawaa taasisaniin, Imalli jireenyaa namaa carraa fi qabsoon kan guutame ta’uu fi qindoominni kanneen lameenii raawwii ta’uu kaasan.

Carraan qabsoo malee kan miliquu fi qabsoon carraa malee milkaa’inaa kan hinfidnee waan ta’eef lammii Itiyoophiyaa ta’uun carraa qabeessummaadha jedhan.

Yaadannoo injifanoo Adwaa akka kanaa biyyoonni gurraachota biroon hojjechuu danda’u garuu ilmaan goototaa keenya ta’uu hindanda’an jedhanii, “Itiyoophiyummaa kan carroomne; Yaadannoon Injifannoo Adwaa ammo qabsoofnee, tattaffannee, kan milkeessineedha” jedhan.

Yaadannoon kun waggoota 128 booda Itiyoophiyaa fakkaatee hamma Itiyoophiyaa ga’ee kan fakkeenyummaan ijaarameedha jedhan.

Adwaarraa hanga har’aatti qormaanni Itiyoophiyaa kan biyya ganee fi diinaa alaati kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, kunneenis kaleessa Adwaarraatti har’a ammoo imalaa badhaadhinaarratti qormaata ta’uu himan.

Abbootiin maaliin akka waldorgomuu qaban, waltumsuu, walhammachuu, walutubuu, walfalmuu fi mari’achuu, garagarummaa biyyaa fi mootumma gidduu addaa baasanii beeku jedhanii, kanaafis Gootichaa Baalchaa Abbaa Nafsoo fakkeenyummaan eeraniiru.

Mootummaan amma jiru mijachuu dhiisuu malus Itiyoophiyaan garuu yeroo maraa kan mijattu ta’uu ibsaniiru.

Komii amma jiruun Yaadannoo Injifannoo Adwaa gatii dhabsiisuun dhiigaa fi lafee abbootii gatii dhabsiisuu akka ta’e hubachiisaniiru.

Abbootii yeroosii duudhaa kan qabanii fi duudhaa kana milkeessuufis ibiddi itti fayyadaman turuu yaadachiisan.

Abbootiin kaleessaa bilisummaa fi kabajaa gonfachuuf duudhaa qabaachaa akka turanii fi daandiin duudha gonfachuuf irraa imalaan ibiddaa akka ture dubbatan.

Kanaaf dudhaa bilisuummaa, kabajaa dhaaluu malee tooftaan isaan injifannicha gonfachuuf fayyadaman ibididicha dhaalu nurraa hineegamus jedhaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment