Finfinnee, Hagayya 9, 2013 (FBC)- Yeroo maraa osoo hin bar’in dura ni duukkana’aa. ce’umsa halkanii fi bari’uu keessaas ni darbama.
Ibsa Ministira Muummee irraa laatame
Akka dukkana’eetti yoo hafees? Yookiiniis barii’uu yoo baatees jennee hin sodaannuu.bar’uun isaa hin haafuu waan ta’eef.
Dukkanni sodaachiisaan ifaa bariitiin ni golgama. guyyaa haaraan wayita dhufuu dukkanni turee ifaaf iddoo gadi ni lakkisaa.
Urjiiwwan guyyaan haguugamaniis ta’e kan yeroo kamiyyuu caalaa ifanii kan muuldhataan dukkannii yeroo jabaatuu fi halkanichii osoo hin bari’iin dura.
Imalaa jireenyaa keenyaatin abdii eegnuurra bari’uu duraa qormaataa dukkannii itti heddumatuu fi duraa keenyaatti gufuu ta’uu ni danda’a.
Qormaatichi haaraa nutti fakkaatee jeequmsii miiraa nu mudatiin jedha ibsi waajjira Muummee Ministirraa laatame.
Siyaasaan, diinagdee, bulchiinsaa fi adeemsoota hawaasummaa biroo keessaatti mudannoowwanii fi qormaata keessaatti of agarraa.
Namoonni dhuunfaa fi maatiiwwan, mootummoonnii fi biyyii soda badiisaa fi gaaffii keessaa galuun rakkoo keessaa ni darbu.
Gaaffichi ? ‘guyyaan kun ni darbamoo hin darbuu’ osoo hin taanee akkamiin darbaamaadhaa.
Ifni urjiiwwan dhufanii carraa gotootaan ni muldhaata.
Biyyii keenyaa Ityoophiyaan seenaashee duraarraa gannoota hedduu fi bonaa, dukkanaa fi ifaa wal jijjiiruun bu’aa ba’iiwwan hedduu keessaa dabarteetti.
Ijoolleewwan ishee harka marataanii ta’uurra jireenyasaanii injifachuu rakkoosheerra ni ittisuu.
Diinootashee qaneessuuf murmaasaanii halbeef, lapheesaanii rasaasaaf laataniiru.
Kanaafis diinoonni akka dukkanaa jabaataan wayita kufan, isheen ammoo mormashee ol kaasteetti.
Biyyoonni akka Yuugoozlaaviyaa fi Sooriyaa, Somaaliyaa fi Liibiyaa ta’aan hojii shiroonni xaxaniin kufaniiru.
Biyyooni akka Jarman, Jaappaan, Kooriyaa fi Veeyaatinaam ammoo rakkoo walfakkataa keessaa darabanii, qormaatilee isaan muudataan fulaa duratti ittisuun injiffannoo waloo tokkummaan hojjechuun biyyoota milka’aan keessaa adda dureetti waamamuu.
Fakkeenyaaf Jarman, Barii Waaraana Addunyaa lammaffaatti unkuutooftee turte.
Jarman Bahaa fi Lixaa jedhamuun bakka lamatti qoodamuuf turuuf dirqamte.
Yeroon isaa dheeratuus xummura irratti ummanni ishee wal ta’uun, dallaa dhagaa fi ejjanno siyaasaa isaanii diiganiiru.
Naannoo bara 1860tti, Waraanaa waliiniin dhiiga hedduu dhangalaase, Ameerikaa bakka lamaatti adda baasuuf xiqqoof jalaa baate, miidhaa irra gahee fi balaa biittinaa’u jalaa kan baraaramte lubbuu ijoollee ishee kumaatamaan lakkaa’aman gati kaffalteetti.
Hiyyummaa irratti waraanni waliinii fi giddu galtummaa biyya alaa gar malee qormaata tureen otuu hin injifatamiin fi hin hiikatiin kan dabartee seenaan Kooriyaa Kibbaa haala yeroo biyya keenyaa waliin walitti dhufa.
Har’a daandii nuti irra darbaa jirru, biyyoonni heddun , rakkinoonnii fi gufuuwwan keessaa darban kan fagoo osuu hin taane yaadanno yeroo dhiyooti.
Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti, qormaanni fi gufuun irra hin geenye hin jiru.
Hunda isaanii kan ofiirraa qolatte fi injiifatte tokkummaa,malaanii fi ida’aamuniidha.
Balaa alaa irraa dhufees ta’e qormaata biyya keessaa hagam cimaa ta’u, ilmaan ishee gamtaadhaan yeroo dhaabbatan, humna isaanitii ol ta’e hin beeku.
Gama birootin, sababa waarreen “ani yoonan du’ee” jedhan, faayidaa dhuunfaaf jecha haadha isaani kan gurguurani fi biyya isaa dabarsani kan keennan, ilmaan ishee diinni akka barbaadeetti kan isaan yaabbatu,yeroo tokko ol qoormaata cimaa keessa seenteerti.
Har’a Ityoophiyaan gaafa nagaa, gubbaa irra guurshitee,goola isheeti gaarii nyaatee kan quufee humni juuntaa, biyya diinaaf laachuuf kan hin waakkanne, sababa gantu baandaa keessa beekaa ta’uun qoormaanni jabaate ta’u mala.
Tokkummaan yoo dhaabbanneefi, idaa’amnee yoo jabaanne garuu qormaata kan injiffanne,rakkinicha gara carraatti,carrichas, gara injiiffanno olaanaatti jijjiirree, biyya keenya gara muummee nageenyaa fi badhaadhinaatti akka geenyu shakki xiqqooleen hi barbaachisu jedha ibsichi.
Gareen ABUT biyyatti keessaa barootaaf jiraataa kan turee. ofisaa babaldhisee Ityoophiyaarra nyaatee kan dhugee gareen shororkaa kun yeroo ammaa haramee bahuuf fixee du’aa qabatee mormaa jiraa.umrii isaa dheereeffachuuf tattaaffii taasisaas jira.awwalchaasaa dura lubbuun keessaa bahuuf jettuu hanga jirtuutti warraqaa jira.
Kutaa biyyatti kaabaa keessaa haqamee hanga balleeffamuutti dhibee keessoo waan ta’ee dhibeesaa dandeenyee, qoricha diigumsaa fudhachaa ni turraa.
Dhukkubbicha obsinee yoo turree, ABUTin ta’ee qaamni kamiyyuu haadhaasaa gurguruuf humni marii taasisuu yadannoo sukanneessaa biyyatti ta’uurra kan hafee faayidaa waan hin qabneef barabaraan ni gaggeeffamaa.
Baroota darban keessaa daangaa diinagdee fi siyaasaa keessaa dabarreerra.
Har’as dippilomaasiin keenyaarratti rakkoo muul’atu waggaa sadii fi afuur dura dameewwan hundaarratti kan mula’tuufii rakkoo keenyaa idilee ture.dameewwan siyaasaa, diinagdee, hawaasummaan,bulchiinsa, sirnoota seeraa, sirnoota nageenyaa fi hiyyummaa, naannoo hanga aanaatti iddoowwan hundaatti rakkoon kun tureera.
Iddoowwan kana hundaatti hanga fayyiinni argamutti rakkoo hamaatu ture.dhukkuubbiin tureera.
Kanaafi amma dippilomaasiin keenya rakkoo keessaa galeeraa jennee naasuu keessaa galuu hin qabnu.diinnii yeroo mara sodaachiisuu fi prooppoogaandaa dursee injifachuu yeroo tattaffatuu injifannee yaa eegn.u
Humni waraannuu mata dureensaa olaanaan sobaa.miidiyaalee hawaasa dabalatee miidiyaasaan sobaa tokkoo wayita dabarsuu namoonni jeeqaman osoo hin beekiin tumsiitoota Juuntaa ta’uu keessaan beekaa.
Namni yeroo tokkoo fi lamaa gowwoomfamuu ni danda’aa, waggoottan darban kan gowwoffamtaan osoo hin ga’iin har’as proppoogaandaasaatiin jeeqamuu, biyyaa kenyaa faayidaa ala taasisuurra kan darbee homaayyuu kan fayyaduu tokkollee hin qabu.
Keessattu, qabxiilee xixiqqoo funaanudhaan walitti erbani, xinxala shiraa kennuuf namoonni kaataan, yeroon xinxallii beekumsa shiraa irra darbeera.
Amma faayidaa Ityoophiyaa kabachisuuf, iddoo murteessaarratti hiriiruuf yeroo murteessaarratti argamna.
Ityoophiyaan diinoota ishee duur dhooksaadhaan amma ifatti adda lama irratti waraana bananiiru, gama dirree waraanaa fi diiploomaasiitiin.
Kanaaf, lammiin waa’ee egeree Ityoophiyaa isa ilaallatu hundi, xinxala shiraa fi riffannaa hin taane keessaa bahee adda waraanaa lachuutu haa makamu.
Juuntaan kaardiiwwan hammeenyaa jedhu hunda fayyadame shoororkeessuuf, walitti nubusuufi gargara nuqoduuf waan danda’u hunda taasiseera.
Humna maallaqaatin ummata keenyarratti abiidda qabsiisaa fi walitti nubusaa inni abidda qaqqaamachaa fi nutti qoosaa ture.
Diibbee Shoororkaa rukutun ergamtoota isaa waliin dirreetti baheera.
Ammarratti, faallaa isaatiin arii’atamaa fiigichaa lubbu keessa jira. Aduun itti dhihaa jira. Fiigicha kan keessatti rasaasa awwaalee fi isaa xummuraa dhuukaasaa jira.
Dawoo isaa xummuraa keessaa, geerarsa sagalee obbaaffannaa fi abdii kuttannaa naaf dhaggeeffadha jedhe halkanii fi guyyaa watwaata jira.
Biyyoonni Lixaa , Biyya keenya harka miciiruuf, diiploomaasii fi iyya Miidiyaalee sagalee Juuntaa dhageesisuun gaachana ta’uuf carraaqiin akkumaa itti fuufeen jira.
Wal gargaarree dhiibbaa taasifamuu dandammachuu fi qolachuuf kutannaan, humni kun ni dhumataaf.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.