Adoolessa 19,  kan kabajamu ayyaanni Qulqulluu Gabre’eelii nagaan xumuramuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Kabajni Ayyaana Qulqulluu Gabre’eelii Qullubbii  fi Hawaasatti kabajamu nagaan xumuramuu ibsameera.

Kabajni ayyaanichaa Qullubbii Gabre’eeliitti bakka hordoftoonni kumaatamaan lakkaawaman argamanitti karaa nagaan kabajamee xumuramuu Itti gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Komaandar Naasir Mahaammad ibsaniiru.

Ayyaanichi haala duudhaa amantichaa hordofeen karaa nagaan kabajamuu eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun ayyaanni Qulqulluu Gabre’eelii magaalaa Hawaasaatti karaa nagaan kabajamuu Itti gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Magaalaa Hawaasaa Komaandar Darrasaa Busaaroon ibsaniiru.

Birihaanuu Bagaashawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment