Adoolaa Waayyuutti hiriirri deeggarsaa fi balaaleffannaa gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC)– Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi balaaleffannaa ABUT fi shanee Godina Gujii Magaalaa Adoolaa Waayyuutti gaggeefameera.

Hiriirtonnis hiriiricharratti, dhaadannoowwan “Wayyaaneen diina keenya, dhiiga Oromoo dhangalaasa ture, qabeenya ummaataa saamaa ture, biyyi keenya saamtuu fi hattuun hindiigamtu” fi kanneen biroo dhageessisaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Adoolaa Waayyuu Obbo Firoomsaa Edeemaa, mootummaan nageenya waaraa fiduuf daandii nageenyaa banus, ABUT nageenya kan hinbarbaannee, jeequmsa uumuun lubbuu namootaa galaafachuu waan ta’eef karoorri isaa galma hinga’u jedhan.

Shanee fi Juntaan diinota seenaa Itoophiyaa waliin ta’anii waraana marsaa 3ffaa banan tokko taanee qolachuu fi hawaasni deeggarsa taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment