Adeemsi waliigaltichaa Ityoophiyaanonni rakkoo keessoo isaanii mariin furachuuf ummata ogummaa qaban ta’uu agarsiisa – Zyuu Biing 

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Adeemsi waliigaltichaa Ityoophiyaanonni rakkoo keessoo isaanii mariin furachuuf ummata ogummaa qaban ta’uu kan mul’isuu ta’uu Afrikaa Bahaatti Ergamaan Addaa Chaayinaa  Zyuu Biing ibsaniiru.

Chaayinaan naannolee Kaaba Ityoophiyaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamu deeggaruu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ergamichi  Afrikaa Bahaatti nageenyii fi tasgabbiin akka bu’u, turtii giddu gala Bahaatti taasisan dabalatee Gamtaa Afrikaa fi hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu isaanii ibsa miidiyaaleef laataniif himaniiru.

Chaayinaan Afrikaa Bahaatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’u deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu eeraniiru.

Chaayinaan dhimma keessoo fi birmadummaa Ityoophiyaa keessa kan hin seennd ta’uu eeraniiru.

Mootummaa fi Uummanni Ityoophiyaa nageenya, tokkummaa fi misooma mirkaneeffachuuf tattaaffii taasisan Chaayinaan karaa walaba ta’een kan deeggartu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment