Adeemsi talaallii COVID-19 dhiibbaa amantaa kamiyyuu kan hin qabaannee ta’uu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa ibse

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Dhibee COVID-19 fi HIV EDS’f adeemsi wallansaa fi talaallii dhiibbaa amantaa kamiyyuu kan hin qabaannee ta’uu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa ibseera.

Yaa’ichi dhimmichaan walqabsiisee waltajjii gaggeessera.

Waltajjichaanis dhibeen COVID-19 fi HIV EDS Ityoophiyaatti baldhinaan tamasa’aa waan jiruuf talaalliwwannii fi qorichoota fayyisuu danda’aa Ministeeraa Fayyaan laataman amantaan walqabsiisuun odeeffannoon burjaja’aan tamsa’aan sirrii kan hin taanee ta’uu barreessaan olaanaa yaa’ichaa lubni Taagaay Taaddasaan ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, addunyaarratti namoonni miiliyooni 3.5 ol weerara vaayrasii koroonaan lubbuun isaanii darbu ibsuun Ityoophiaattis lubbuun namoota kuma 6 oli darbeera jedhan.

Weerara vaayrasichaa ittisuuf tattaaffiin taasifamuu olaanaa waan ta’ef weeraricha ittisuuf talaallii laatamuu fudhachuuf yaa’iin dhaabbile amantaa shooraa olaanaa akka qabu himaniiru.

Qiddist Tasfayeetu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment