Haalduree ittisa vaayrasii koroonaan torbee 3 keessatti manneen barnoota bu’uuruma gabatee yerootiin barnoota eegaluu akka danda’an ibsame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC) –Haalduree ittisa vaayrasii koroonaan torbee 3 keessatti manneen barnoota bu’uuruma gabatee yerootiin barnoota eegaluu akka danda’an ibsame.
Yaada murtoo manneen barnootaa deebisaanii banuu irratti mariin adeemsifameera.
Yaada murtoo manneen barnootaa deebisaanii banuu irratti bakka Itti Aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Mokonniin argamanitti mariin adeemsifameera.
Maricha irratti hoggantoonni hojii olaanoo ministeera barnootaa fi ministeeronni biroon argamaniiru.
Marichi manneen barnootaa irra deebiin akka banamaniif yaada murtoo murtiif dhiyaate qormaata naannoo kutaa 8ffaa, qormaata biyyaalessaakutaa 12ffaa fi adeemsa kenna barnootaa manneen barnoota dhuunfaa kan ilaalatedha.
Ministeerri Banootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa yaada murtoo manneen barnoota deebisanii banuu irratti ibsa laataniiru.
Guyyoota lamaan darban hoggantoota biiroo barnootaa naannoolee hundaa waliin mariin gaggeeffamuu fi yaadni murtoos dhiyaachuu kaasaniiru.
Haalduree ittisa vaayrasii koroonaan torbee 3 keessatti manneen barnoota bu’uuruma gabatee yerootiin barnoota eegaluu akka danda’an ibsame.
Bu’uura qajeelfama ministeerri barnoota kaa’een kutaa 1 keessa barataa 20 hanga 25 barsiisuun akka qaban ibsameera.
Bu’uuruma kanaan adeemsi mana barumsaa banuu dabaree 3n akka raawwatu beeksisaniiru.
Dabareen jalqabaa Onkolooleessa 9, 2013 manneen barnoota magaalaa baadiyaa fi gandaa barnoota akka eegalan yaadni muroo dhiyaateera.
Dabaree lammaffaan Onkolooleessa 16, 2013 ammoo manneen barnootaa godinaa fi magaaloota naannoo hundaa barnoota akka eegalan yaadni murtoo dhiyaateera.
Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee fi naannawaa Finfinneetti argaman Onkolooleessa 30, 2013 barnoota akka eegalan yaadni murtoo dhiyaateera.
Qormaata naannoo kutaa 8ffaa fi qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee barattoonni qormaata fudhatan marti qormaataaf akka taa’an yaadni marii murtoo dhiyaateera.
Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa Sadaasa 22 fi 23, 2013 kan kennamu yoo ta’u, qormaaticharra taa’uu kan danda’u kutaa 7ffaa baratanii kan xumuranii fi kutaa 8ffaa barnoota cin waggaa jalqabaa kan hordofan qofaadha.
Haaluma walfakkaatuun qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhachuu danda’an barnoota kutaa 11ffaa kan xumuranii fi barnoota kutaa 12ffaa cin waggaa jalqabaa hordofaa kan turanidha qofaadha.
Qormannii biyyaalessaa kutaa 12ffaa Sadaasa 28 hanga Muddee 1, 2013 akka laatamu yaada murtichaa irratti eerameera.
Adeemsa barnoota laachuun walqabatee madaalliin manneen barnootaa mootumaaf laatamu manneen barnoota dhuunfaaf raawwii ni ta’a jedhameera.
Kaffaltiin galmee manneen barnoota dhuunfaa sirna kaffaltii fi hamma bara 2012 ture akka ta’u ibsameera.
Sirni kaffaltii manneen barnootaa karaa baankii qofaan akka ta’u yaadni murtoo dhiyaateera.
Yaada murtoo dhiyaateerratti mari’atamaa jiraachuun ragaan ministeera barnoota irraa argame ni muldhisa.
Wabii Fufaatiin .
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment