Adeemsi lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaarra gara biyyaa deebisuu adda citee ture Wiixata dhufu ni eegala

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015 (FBC) – Adeemsi lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuu adda citee ture Wiixata dhufu kan eegalu ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaleessaa beeksise.

Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Komishinichatti Daayrektarri Hariiroo Ummataa Obbo Dabbabaa Zawdeen eeraniiru.

Adeemsa lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuu adda citee ture itti fufsiisuuf Koreen Ittisa Balaa Biyyaalessaa fi Qophummaa marii taasiisuun kallatii kaa’uu Obbo Dabbabaan dubbataniiru.

Haaluma kanaan adeemsichi Sadaasa 12, 2015 irra deebiin kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Lammiilee gara biyyaa deebi’an deebisanii dhaabuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Hanga ammaatti lammiileen kumni 70 ol gara biyyaa kan deebi’an yoo ta’u, ammas lammiileen kumni 30 ol Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessaatti kan argaman ta’uu dubbataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment