Adeemsi ijaarsa Pirojektii Madda Humnaa Kooyishaa %62 irra gahe-Dooktar Abiy

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC)- Adeemsi ijaarsa Pirojektii Madda Humnaa Kooyishaa %62 irra gahuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy gama miidyaa hawaasummaa isaaniin, “Bara 2013 irraa eegalee gamaaggama Pirojektii Madda Humnaa Kooyishaa yeroo 12ffaaf taasiseetti aansee jijjiirama gama bulchiinsa pirojektii fi sirna hordoffiitiin taasisneen adeemsi ijaarsasaa waliigala %62 irra gahuusaa arguukootti gammadeera” jedhan.

Guddinaan sadarkaa Afrikaatti 1ffaa fi 3ffaa kan ta’an hidhawwan Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fi Koyishaa qabaachuun hojii fi tattaaffii humna qulqulluu maddisiisuuf kan gita hinqabne taasisa jedhaniiru.

Dabalataan Dooktar Abiy, kan naannawaa pirojektichaatti argamu wayita Loojii Faana Arbaa Cabaraa Paarkii Biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa eebbifamuuf jirutti, Hidhi Kooyishaa carraa tuuriizimii naannichaaf gumaacha dabalataa akka qabaatu himaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment