Adeemsi humna addaa naannolee deebisanii gurmeessuu tokkummaa ummattootaa mirkaneessuuf hojmaata murteessadha – BMNA

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) –Adeemsi humna addaa naannolee deebisanii gurmeessuu tokkummaa ummattootaa, fayyadamummaa diinagdee fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hojmaata murteessaa ta’uu Bulchiinsi mootummaa Naannoo Amaaraa beeksise.

Mootummaan naannoo Amaaraa haala waqtaawaa ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ummanni Amaaraa ummattoota Ityoophiyaa biroo waliin barmadummaa biyyaa mirkaneessuuf gatiin kaffale olaanaa ta’uu ibsichi eereera.

Dhimmoota sadarkaa biyyaatti ajandaa olaanaa ta’an keessaa dhimmi humna addaa naannolee deebisanii gurmeessuu isa tokko ta’uu himeera.

Adeemsichi barmadummaa Ityoophiyaa caalmaatti kan cimsu,qorannoorratti kan hundaa’e, tokkummaa ummattootaa, fayyadamummaa diinagdee fi nageenya waaraa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu isaa naannoleen hundi itti amanuun kan eegalame ta’uu himeera.

Adeemsichi akka naannoo Amaaraattis qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin mariin irratti gaggeeffamuu fi gaggeeffamaa jiraachuu eereera.

Humna addaa naannolee deebisaan gurmeessuun kana hoggantoota naannolee hundaa waliin irratti walii galamuun akka biyyaatti caasaa nageenyaa cimaa ta’e yaadamee ta’uu ibsichi kaaseera.

Gurmaa’isa kanaanis miseensonni humna addaa naannolee caasaa Raayyaa Ittisaa, Poolisii idilee Federaalaa, manneen Amala sirreessaa federaalaa fi naannolee jalatti akka gurmaa’an filannoon dhiyaachuu ibseera.

Filannoon dhiyaate kunis miseensonni humna addaa naannolee hundaa akkaataa fedhiin isaaniin akka gurmaa’an filannoo dhiyaate ta’uu himeera.

Haa ta’uutii ololli qaamoleen adda addaa Humni Addaa naannoo Amaaraa bittinneeffamuufi jechuun ololfamaa jiru dhugaarraa kan fagaate ta’uu hubachiiseera.

Odeeffannoo sobaa tamsaasuun nageenyaa fi tokkummaa ummata Amaaraa diiguuf, tokkummaa humna addaa shakkii keessa galchuuf shira xaxamaa jiru ta’uu himeera.

Miidiyaaleen naannicha diiguuf kaayyeeffatanii itti yaadanii dhimmicha kallattii hin malle qabsiisuuf hojjechaa jiraachuu ummanni bal’aan naannichaa hubachuu akka qabu yaadachiiseera.

Ummanni naannoo Amaaraa hojmaata naannicha diiguu, seenaa xureessuu fi xinsammuu miidhuuf hojjetamaa jiru hubachuun dura dhaabbachuu akka qabu mootummaan naannichaa ibsa baaseen waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment