Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) – Hojiin hidhattoota duraanii waaraan dhaabuuf hidhannoo hiikkachiisuun gara giddugala Haaromsaa galchuu boru kan eegalu ta’uu Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa beeksise.
Dhaabbatichi ergama biyyaaleessaa itti kenname milkeessuuf kan dandeessisuu sagantaa fi Piroojektii sadarkaa idil addunyaa eeggate qopheessuu Komishinarri Komishinichaa Tamasgeen Xilahuun ibsaniiru.
Haaluma kanaan hidhattoota duraanii kuma 300 fi kuma 71 ol naannolee 7 keessa jiran hidhannoo hiikkachiisuun gara giddugala Haaromsaatti galchuuf hojiin adda baasuu xumuramuu dubbataniiru.
Adeemsa hidhattoota kanneen hidhannoo hiikkachiisuun hawaasatti makuu waggootta 2 keessatti raawwatamuuf Baajanni Doolaarri miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 60 ol ramadamuu kaasaniiru.
Boqonnaan jalqabaa Naannoo Tigraayitti boru kan eegalu yoo ta’uu,naannichatti hidhattoota duraanii kuma 75 ol hojiin deebisanii dhaabuu kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia